You are currently viewing Hiriirri Deeggarsa MMI Dr.Abiyyi Ahmad tumsu Injifannoo fi milkaa’ina jijjiiramaan booda argame

Hiriirri Deeggarsa MMI Dr.Abiyyi Ahmad tumsu Injifannoo fi milkaa’ina jijjiiramaan booda argame

Hiriirri Deeggarsa MMI Dr.Abiyyi Ahmad tumsu Injifannoo fi milkaa’ina jijjiiramaan booda argame itti fufsiisuuf Godina Harargee bahaa fi Magaalaa Maayaa walii ta’uun kutaa Magaalaa Haramaayaatti ummata kumaatamaan lakkaawameen bahuun dhaaddannoowwan garaagaraa dhageessisuun gaggeeffameera.

Hiriirri Deeggarsaa kun Imala Jijjiiramaa fi Muudama Muummee Ministiraa FDRI Waggaa 5ffaa Sababeeffachuun dhaaddannoo “Injifannoowwan Jijjiiramichaan booda argame Itti Fufsiisuudhaan Badhaadhina Hundagaleessa ni Mirkaneessina” jedhuun gaggeeffamee

Bulchaan Bulchiinsa Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahammad fi Kaantibaan Bulchiinsa Magaalaa Maayaa Dr Ifrah Waziir Waziir Argamuun ergaa dabarsaniin ummata Oromoo qofa osoo hintaane Ummattoota Itoophiyaa Maraaf Guyyaa Aduun Bilisummaa fi qaanqeen Bu’ura walqixxummaaf Sabdaneessummaa Dhiiga Ilmaan Abbaa Gadaatiin itti itti qabatte waan taheef baga bitooteessa 24 Geeysan jedhaniiru

Hirmaattoonni hiriirichaas dhaadannoolee gara garaa akka armaan gadiitti jechuun

========::::==::::::

☞︎︎︎Bitooteessi 24 siidaa bilisummaafi walqixxummaa uummattoota itoophiyaati!

☞︎︎︎Injifannoo jijjiiramaan arganne tokkummaan keenyaan itti fufsiisuun badhaadhina hunda galeessa ni dhugoomsina!

☞︎︎︎Itoophiyaan fedhii finxaaleeyyiin hindiigamtu!

☞︎︎︎Abbichuu ilma Abbaa Gadaa si waliin jirra!

☞︎︎︎Dheebuun Aangoo finxaaleeyyii hin milkaa’u!

☞︎︎︎Tokkummaan keenya shira diinaatiin hindiigamu!

Abbichuu Abbaa Malaa Mala Keetiin Biyya Ceesiste nuu jiraadhu!

☞︎︎︎Federaaliizimii Sabdaneessummaa Akka Qaroo Ija keenyaatti eegganna!

☞︎︎︎Cehumsa Siyaasaa karaa nagaa Bitootessa 24 dhugoome bu’uura cimaa irratti ijaarra!

☞︎︎︎Obbolummaan Sabdaneessummaa wabii Tokkummaa Itiyoophiyaati.

☞︎︎︎Imalli keenya irree tokkoon gara fuula duraatti itti fufa!

☞︎︎︎Hoggansa jijjiirama keenyaa akka ija keenyaatti ni tikfanna!

☞︎︎︎Dhaloonni ida’amuu Biyya ijaara!

☞︎︎︎Kan Biyya diigu dura dhaabbannee ni mormina jedhu dhageesisaniiru.

Leave a Reply